Gaaddisa Obblummaa
GAADDISA OBBOLUMMAA!
Rabbiin Gooftaa samii fi dachii akkasumas wantoota gidduu fi isaan keessallee jiran hundaati. Kanaafuu Isa qofa gabbari; Isa gabbaruu irrattis obsa qabaadhu; Isaaf moggoo (fakkaataa) wahii hin qopheessin! Mootummaan samii fi dachii kan Isaa ta'uus ni amanna: waan fedhe uuma; waan fedhes kan fedhes ni balleessas ni tolchas. Nama fedheef dubara kenna; nama fedheef immoo dhiira kenna. Yookiin dhiiraa fi dubara makaa kenna; nama fedhe tasuma dhowwata. Lubbu qabeeyyiin hunda akka isaaniif gahutti nyaachisee obaasa; sooranni isaanii hundi Rabbiin irraayyi. Inni jiraachisaadhas dhabamsiisaa ykn ajjeesaadhas. Baalli muka irraas tokkollee inni beeku malee hin kuftu; Firiin tokkolleen godhattee hin bilchaattu; lubbuu qabeeyyiin tokkolleen bakka jirtuu hin sochootu; hunduu eeyyama isaa yoo tahe malee. Inni beekaa wantoota fuula dura fagoo jiranii fi wantoota kanaan dura darban hunda tartiiba isaanii akka eeggatanitti kan beeku isa qofaadha; wantoota haalaa fi bakka fedhe jirais akkataa barbaachisu hunda keessatti kan dhagahu isa malee hin jiru. Miidhaa qaqqabuu fi kayirii oolamu hundaaf madaalee akka isaaf malutti adabbiis tahee badhaasa kan kennuuf isa qofaadha. Hojii zaalimaas kan argus kan dhagahus; qixaaxa isaas kan kennu isa malee hin jiru. Rakkoo ilma namaatiifis furmaanni harka isaa malee hin jiru.
Wanti Rabbi nu uumeef bilisaan lafa kanarra jiraannee tokkummaadhaan isa tokkoomsinee isa qofa akka gabbarruuf ture. Rabbi ilma namaa tokkollee gabrummaa keessatti hin uumne, hundumaayyuu bilisa taasisee amantaa Islaamummaa daandii tokkicha irratti uume. Garuu ilmi namaa erga dhalatee booddee sababa adda addaatiinis haa ta’uu (dhiibbaa maatiitiin, dhimma dhuunfaatiin akkasumas dhimma hawaasa naannootiin) daandii jalqabaa irraa maqee garuma fedhe ykn immoo garuma dhiibbaan isa itti jallisetti duufee, jallatee guddata. Jallinni isaa kunis darbee daddarbee dhaloota jajallisuudhaf sababa guddaa ta’ee bakka, yeroo fi haala baay’ee keessatti mul’ata. Namni toltuus tahee hamtuu dalaguuf yommuu ol aggaamu, hammuma fahmii (hubannoo) sammuun isaa fudhachuu dandeesseen aggaammii isaa raawwata.
Seenaan nama hin satartu/ hin dhoksitu; wantuma hardha dalagnee dabarsineen, boris maqaan keenya kaha malee. Seenaan nama badaa dalage gaariidhaan hin galmeessitu; kan gaarii dalages badiidhaan hin galmeessitu. Soba wanti jedhamu seenaa keessa hin jiru; sobni seenaas tahuu hin dandahu. Kan seenaa sobsiisuu barbaadus yoo jiraate, akka jibicha gaara guddaa dhiibuu taheetuma of dadhabsiisaa oolee yeroon itti darbiti malee. Achi qabee as qabee yommuun ilaalu waan lamatu natti mul’ata; inni tokko Obbolummaa walii irraanfachuu keenya; inni biraa immoo moototni biyyas tahee adduunyaa bulchaa turanii fi bulchaa jiranu fedha walitti qabanii ummata irratti moo’uu malee ummataaf moo’uu akkasumas tarsiimoo ittiin bulchanu kan hin qabne tahuu jaraati. Yeroo hedduu wanti adduunyaa kana mudatu, namoonni yeroo hunda carraa barcuma yaabuu argatanu, irra caalaan isaanii gahumsaa fi beekumsa bakka isaan jiranuuf malu akka hin qabnedha. Namni gahumsa hin qabnemmoo sodaa waan qabaatuuf hojiin isaa badiitti caala; dhara nama irratti dalaguu, carraa argate hundaan obboleewwan isaa miidhuu fi balleessuu taha. Kanaaf dhalli namaa waan isaaf malu hunda akka argatuuf; jireenya isaaf malu akka jiraatuuf jecha adeemsaa fi galma keenya tolfannee gara fuulduraatti deemuun dirqama nurraa eegamudha. Adeemsi galma keenya ittiin geenyu kun immoo yoo obbolummaan dhugaa jiraate qofa galma gahuu dandaha waan taheef obbolummaa keenya fakkenyota dhaloota duraanii irraa arganneen tikfachuun dirqama nuti bahachuu qabnudha. Obbolummaa yeroo jennuu, waliin dhalachuu, afaan tokko dubbachuu ykn biyya tokko tahuu fi mana tokko keessatti guddachuu; akkasumas fakkeenyummaa bifaa fi qabeenyaatiin osoo hin tahiin, obbolummaa akka isii seenaa Islaamaa keessatti nuuf kaayamtee sanatu nuuf barbaachisa. Waliin dhalachuun qofti obbolaa nama gochuu akka hin dandeenye ilmaan nama yeroo jalqabaatiif ardii kana irratti Aadamii fi Hawwaa irraa dhalatan lameen Qaabilii fi Haabil yeroo faayidaa dhuunfaaf jecha obbolummaa isaanii dagatanii wal ajjeesan sana nu barsiisani.
Kanaafuu waliin dhalachuun qofti obbolummaadhaaf gahaa miti; obbolummaa himachuun duratti , ati eenyu: Qaabili moo Haabili?
Copy Right
©Mirgi Maxxansaa Abbaa Kitaabichaatiif Seeraan Eegamaadha.