Haambaa Abbaa Jifaar
Seensa
Gadaa Odaa Hullee
Odaan Hullee Odaalee Oromoon jalatti seera tumataa ture keessaa isa tokko. Gadaa bara dheeraaf addaan cite kana qorannaafi qophii hedduun booda haala haaraan iddoo isaatti deebisuuf hojiin hojjatamaa jiru sadarkaa isa dhummaa irratti argamna. Ijaarsi keenya, HDOH, koree addaa kan dhimma kanaaf biyyatti dhaabbate wojjin hariiroo cimaa horachuun qophii sirna kanaa hordofaa jira. Kaka’umsa kanas gammachuun simatee akka woldaa hawaasaa tokkotti waan isa irraa eegamu bahachuu carraaqaa jira.
Seenaa boonsaa ummanni Oromoo qabuufi kan seeneffatamuu qofa utuu hin ta’in sirna jireenya keenyaatti as deebi’ee ijaaramuufi tajaailuu qabu keessaa tokko sirna ittiin bulmaataa keenya durii Gadaadha. Gadaan kan sabni keenya bara kuma jahaa ol ijaaree, tikseefi dagaagsee hawaasa haqa dhala namaa kabaju ta’uun ittiin jiraataa tureedha. Gadaan sirna hunduu dhiibbaafi loogii tokko male dirqama isaa ittiin bahachuun mirga isaa ittiin eegsifatee bilisummaan jalatti bulaa tureedha. Gadaan kan Oromummaa tikseefi gadi dhaabeedha. Gadaan sirna boonsaa kan dhalli Oromoo qobaatti ittiin of kunuunsu qofa utuu hin ta’in kan alaa itti dhufellee alagummaan utuu hin dhiibamin Oromummaa moggaafatee mirga guutuu itti argataa tureedha. Wolumaa galatti gadaan wiirtuu Oromummaafi bilisummaa ilma namaa ture jechuun ni mala.
Kana qofas miti gadaan tokkummaa sabaa dhugoomsuun irreefi gaachana Oromoo ture. Gadaa jalatti hunduu akkuma haqaafi dirqama wol qixxee qabaataa ture biyya isaa irrattis abboominni isaa kan wol hin caalle ture. Aangoonis ta’ee qabeenyaan wol caalanii saba gidduutti gita uumuufi duraa duuba dhaabbachuun iddoo horatee hin beeku. Hunduu biyya isaatii quuqamaa waan ta’eef guyyaa gammachuu qofa utuu hin ta’in guyyaa hamaan uumamellee wojin murteeffatee, wojjin itti bobba’ee daangaa isaa kabachiifata. Hunda caalaa gadaan irree Oromoo cimaadha ture. Kanaaf lafinniifi badiinsi sirna Gadaa diigamuufi kufaatii Oromootiif keeyyata jalaqabaa ture yoo jenne dogoggora miti.
Weeraraafi bittaa alagaa jaarraa tokkoofi wolakkaatiin booda qabssoofi woreegama dacha hedduun akka hawwiitti arifachuu baatus dhugaan Oromoo ifa galafi mullataa dhufaa jira. Lammiin bara dheeraafi wolirraa fagaateefi fageeffamee ture wolitti deebi’uufi wol hawwachuun akkasumas aadaafi seera isaa awwalaman deebisee ol kaasuufi kunuunsuu jalqabuun isaa bu’aa qabsoo woreegama hadhaahaa keessaa isa guddaafi calanqisaa tokko. Kana keessa akka fakkii guddaatti kan mulatu kabajamuu sirna Gadaati.
Sirna Gadaa Oromoo kanneen dursaan badan keessaa tokko Gadaa Odaa Hulleeti. Gadaan kun kan akaakilee ilamaan Macaa garee worra Sadachaatiin kan ijaarame yoo ta’u innis quxisuu Gadaa Odaa Bisil seena qabeessa kan tumaan Makoo Bilii itti tumameeti. Gadaan Odaa Hullee Oromoota lixa kibbaa Oromiyaa jiraatanu kanneen jalqaba jaarraa kudha saglaffaarraa jalqabee bulchiinsa mootolii shanan gibee (Jimma, Goomma, Geeraa, Limmuufi Guumaa) jalatti bulaa turaniiti. Sirna Gadaa kan dursaan bade yoo ta’u har’a badiinsi isaa jaarraa sadaffaa keessa jira.