top of page
Qeerroo fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo

Qeerroo fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo

SKU: 256 pages

Qeerroo fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo


Oromiyaan/ Orombiyyaan/ Ormaaniyaan dachii
badhaatu baha ardii Afriikaatti argamtu; kan
ol’aantummaadhaan ilmaan Oromoo irra jiraatan; biyya
Oromooti. Maqaa “Oromiyaa” jedhu yeroo jalqabaatiif
kan moggaasee dhimma itti bahuun babal’ise dhaaba
haqa falmataa tahe "Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)"
ti. Lafti ummatni Kuush yookaan Nuubiyaa ykn
Itophiyaa durii qubatan laga Naayil gara gadii fi giddu
galeessa keessa ture. Ummatni Oromoo bara 3500
Dh.K.D. irraa kaasee akka sabaatti Kuush-bahaa irraa
adda bahuu isaa seenaatu dubbata. Osoo Oromiyan
dhiibbaa mirga habashootaatiin hin qabamiin dura lafti
Oromiyaa qabeenya uumamaatiin kan akkaan
badhaatee fi harka 70 bosona akka ture ni amanama.
Ummanni Oromoo walitti aansuudhaan jarraa tokkoo fi
walakkaadhaa oliif qabsoo diddaa gabrummaa fi
hacuuccaa sirna gita bittoota habashaa taasisaa ture.
Adeemsa sirna gita bittaa nafxanyootaa keessatti
aatsewwan habashaa: Tewodroos waggaa 13,
Zawdituun waggaa 7, Lij Iyyaasuun waggaa 3,
Yohaannis waggaa 17, Minilik waggaa 25, fi Hayila
Sillaaseen waggaa 44 Oromummaa diigaa fi Oromiyaa
saammachaa adeemsa ‘Amhaaressuu' nurratti
raawwachaa turani. Itti darbees mootummaan Dargii
waggoota 17’f ummata oliif gadi walitti lallaaqee;
sabaa fi sab-lammiilee impaayera biyyattii keessa jiran
waliin dhahaa eenyummaa ummata keenyaa
burjaajessaa ture. Garuu qabsoo Oromoon
bilisummaadhaaf godhu itti jabeessuu malee of duuba deebisuu hin dandeenye. Wayyaaneen kan fayyadamteseeruma dur nafxanyoonni “Baariyaan-Baraas” jettusana maqaa qofa irraa mulqanii ummata keenya maqaadhaabbilee siyaasaatiin hidda gadi fageeffatteewalumaan walitti ummata meeshaa godhatanii waliinwal ficcisiisaa hardha gahan. Humna hunda caalaahumna akkanatti ummatni walirratti ijaarametu biyyaOromoo cabsee galaafata lubbuu, dhibaafata qabeenyaafi qajeelfata godaansaatiin ummata keenya gahe. Haatahu malee akka yaadde sanatti ummata guutummaatticabsuu waan hin dandeenyeef, karoora adda tahe ittibaafachuuf dirqamte. Karoorri ishee kunis inni jalqabaaOromoota barumsaan fagaatan biyya irraa ari’uu,miseensota wayyaaneetiif ragaa barnoota sobaa kennuu,adeemsa sirna barnoota Oromiyaa keessaa hundeettilaamshessuu, dargaggoota Oromoo hoji dhabdummaafsaaxiluu fi biyyaa baasuu, fi akkasumas diinagdeeOromiyaa laamshessuudha. Haaluma kanaanigaa kanyartuun woyyaanee waggoota 27’n darbaniif dhiigailmaan Oromoo jigsaa, lafee caccabsaa, qabeenyakeenya saamaa fi saamsisaa nu burjaajessaa turte.Adeemsi kun jabaachaa dhufuun isaa ummanni bakkahundaa dammaqiinsaan tahe jedhee waan ofiitiifhordoffii akka godhuu fi tokkummaan akka dhaabbatutaasisee jira. Keessumattuu adeemsi lafa saamichaamaaster pilaanii magaala Finfinnee sababeeffachuunjalqabe, godaansa biyya keessaa fi gara alaattigodhameen namoonni miliyoona 2.8 buqqa'uun isaaniiOromoon bakka jiru hundaa akka wal dhagahuu fi walcinaa dhaabbatu godhee jira. Kana irratti adeemsigurmii qeerrowwan biyya keessaa fi biyya alaatiingodhame gahee isarraa eegamu bahatee jira waan jechisiisuudha. Adeemsi gurmii qeerroo bakka hundaahammate kun injifannoo dhaabbileen siyaasaa Oromoowaggoota hedduuf hin gonfatin galmeessisee jira.Kanaafimmoo bu'aawwan argaman kanadhandhamachaa kaayyoo abbootiin keenya jalqabaguduunfan sana galmaan geenyee dhaloota dhufuOromiyaa bilisoomte dhaalchisuuf daran tokkummaakeenya cimsinee, beekaa keenya dhaggeeffataa;wallaalaa keenya gorfataa; jallataa keenya qajeelfataagara fuulduraatti deemuun dirqama dhaloota hardhaakana tahuu beeknee of haa jabeessinu.

    $29.00Price
    Product Page: Stores_Product_Widget
    bottom of page