top of page
Search
Writer's pictureMohammed Abaoli

#Biyyi_Itoophiyaa_Kan_Oromooti!

Akkamitti?

Maqaan "Ethiopia" jedhu kun jalqabumaayyuu maqaa barreessitootni Awurooppaa Ummata 'Kuush Kibbaa'tiif kennanidha malee kan habashootaa ykn kan Abisiiniyaatii miti. Garuu sababaa adeemsa bittaa sirna Nafxanyaatiin wal qabatee, maqaan 'Ethiopia' jedhamu kun akka waan kan warra Abisiiniyaa taheetti fudhatamuu isaa irraan kan kahe, ummanni Oromoo maqaa kana baqachaa dhufe. Sababiin maqaa kana waakkachuu ummata Oromoo immoo waan lama irraa dhufe:

1, Sababaa lola mootolii Nafxanyaa waliin kan walqabate fi

2, Sababaa warreen aangootiin biyyattii maqaa kana akka waan maqaa waaqni isaanii kenneetti amantaa kiristaanummaatiin walqabsiisanii barsiisaa turaniif jecha.

Warri hanga ammaa maqaa kana waakkatanis warra Sirna nafxanyootaa saniin sammuun isaanii qabamtee hanga hardhaatti of bilisoomsuu dadhabanii fi warreen seenaa dubbisuun isaaniif hin aanja'in qofaadha.

Haa tahu malee, ijaarsa biyyattii keessatti saba kamiinuu olitti ummannii fi gootoliin Oromoo qooda ol'aanaa fudhachaa hanga hardhaatiin biyyattii gahaniiru. kunis akka fakkeenyaatti yoo fudhannu, warreen armaan gadii ilaaluu ni dandeenya:-

Goototni Oromoo lola #Maayicaw irratti injifannoo Galmeessisan immoo jarreen armaan gadiiti:

1) Koloneel Abdiisaa Aagaa

2) Jeneraal Jaagamaa Keelloo

3) Jeneraal Garasuu Duukaa

4) Jeneraal Mullataa Bulii

5) Raas Abbabaa Araggaa Bacharree

6) Dajjaazmaach Baqqalaa Wayyaa

7) Dajjaazmaach Hayilemaariyaam Maammoo

8) Dajjaazmaach Sileshii Ayyaanaa

9) Dajjaazmaach Kabbadaa Buzunaa

10) Dajjaazmaach Muluu Wasanuu

11) Qanyaazmaach Garbii Bultoo

12) Dajjaazmaach Kabbadaa Buzunash (Kabbadaa Abbaa Marzuu)

13) Walee Bultoo

14) Hirkoo Bultoo

15) Sisaay Ayyaanaa

16) Boonaa Bayyanaa (Leenjisaa Humna lola Adwaa kan turedha).

Wanti nama Ajaa’ibummoo Aatsee #Minilik haati isaa #Ijjigaayehu_Adabaa jedhamti. Kana jechuun innis gama tokkoon Oromoo dha jechuu dha. Egaa, akkamitti Oromoo isa biyyattii Itoophiyaa jedhamtu sana ol kaasee dhaabeen gahee keessaa hin qabdu jechaa isa baqatee gola seenee injifannoo booda bookkisaa fi dhiichisaaf qofa as baheen seenaan barreeffama???


Gootowwan Adwaa irratti Injifannoo ol’aanaa argamsiisan 13’n keessaa warri ol’aanoon 11 kanneen dachiin Oromiyaa biyyattii fi adduunyaadhaaf gumaachite keessaayyi:-

1) Raas Gabayyoo Gurmuu

2) Raas Ittafaa Baayyaa

3) Raas Ayyaanaa Daaccuu

4) Raas Waalee Abbaa Seeruu

5) Nugus Taklahayimaanot (Adaal Doorii)

6) Dajjaazmaach Waaqshuum Gogolii

7) Nugus Mikaa’el Alii

8) Giiftii Xaayituu Bixxillee Guugsaa

9) Fiit Awraarii Habtegiyoorgiis (Quussee Diinagdee)

10) Dajjaazmaach Baalchaa Saafoo

11) Raas Mokonin Guugsaa Dhaabaa jedhamuun warreen beekamanidha.

Jarreen kun injifannoo lola Adwaa booda mana isaaniitti galani malee bakka sirbaa fi machii hin dhaqne. Mootiin #Minilik yeroo biyya isaa gatee baqatetti warreen kanatu biyya eegee dhalootaaf dabarse. Garuu kan sirbameef; kan geerarameef; isa lolee mooyateef osoo hin tahiin isa baqatee biyyaa baheefidha. Kanaaf seenaan jallateera jenna nuti.


95 views0 comments

コメント


Post: Blog2_Post
bottom of page