top of page
Search
Writer's pictureMohammed Abaoli

Dhugaa Biyyi Itoophiyaa seenaa waggaa 3000 ni qabdii?

Kutaa 2ffaa


Giti bittoota Habashaa yeroo barbadan nuti guraacha Afriikaa miti jedhanii eenyummaa isaanii haalu. Fakkeenyaaf Minilik akka biyyoota Afriikaa walitti qabee bulchu yeroo warri adiin akka deeggarsa kennaniif gaafatanitti, “nuti niigroo miti, warra niigroo waliin hin bullu, ummanni koo qulqulluu warra Salamoonikaati.” Jechuun itti dhaadate. Sababa biyyoonni Awurooppaa caaseffama amantaa kiristaanummaa hordofanii warra kiristaanotaatiif gargaarsas tahee obbolummaa agarsiisaniif, jara biratti fudhatama argachuuf jecha maqaa “Itophiyaa” jedhu kana Macaafa Qulqulluu keessaa waan fudhate fakkeessuun maqaa biyyattii itti moggaase. Haa ta’u malee maqaan ‘Itoophiyaa’ jedhu waan addaa utuu hin taane jecha afaan warra Giriik “Aithiopis” jedhu irraa kan dhufe yommuu tahu, hiikkaan isaammoo lafa uummata fuulli isaa gubataa jechuu dha. Barreessitoota biyya Giriik kan tahan Heroodootas fi Piliinii faatu uummata gurraacha biyya Masrii fi gammoojjii Sahaaraatii gaditti argaman yeroo arganitti waan takkaa isaan arganii hin beekin kan adeemsi qorannoo qofti walitti isaan fide yeroo duraaf wayta argan “Aithiopis” jedhanii moggaasan. Haa tahu malee maqaan kun kan inni akeeku lafa uummatoota Kuush Kaaba-Bahaa Afriikaati. Kanaafuu, maqaan kun kan dachii agarsiisu malee maqaa biyyaa yookaan immoo maqaa mootummaa bakka buhuu kan hin dandeenye ture. Osoma taheeyyuu maqaan kun ilma Kuush kan tahe saba Oromoo bakka buha malee habashoota waan ilaallatuu miti. Isaan garuu maquma keenyaan of waamaati, nuhiin Oromoon Itoophiyaa mitii jedhu.

Haaluma kanaanigaa Menilik gargaarsa meeshaa lolaa fi gorsa waraanaa warra Awurooppaatti gargaaramee Oromoo fi uummattoota kaan cabsuu danda’e. Menilik hammeenya dorgomaa hin qabnee kan yoo tilmaaman ilma namaa tahuun isaayyuu nama shakkisiisu yommuu tahu, ummattoota biyyatti walitti buusuudhaan sabni tokko saba biraa akka fixuu fi sabni Amaaraammoo ol’aantummaadhaan akka hammeenya kana raawwatuuf aangessuudhaan lola hamtuu fi hadhooftuudhaan empaayera ijaarrate. Fakkeenyaaf uummata Oromoo jumlaadhaan fixuudhaan lakkoofsa isaa miliyoona kudhan irraa gara miliyoona shaniitti akka gadi buuse seenaan ni addeessa. Akkasumas barri mootummaa Menilik bara uummata inni koloneeffate gabrummaatti gurguuruun bal’inaan deemaa ture dha.

Sirni giti bittoota Habashaa kan Minilikiin durfamu, uummata Oromoo humnaan cabsanii tooftaa/imaammata/ ajjeechaa jumlaa fi gara jabinaan jiilchanii bulchuu kan jedhutti gargaaramaa turani. Kanaaf sirna bulchiinsa kolonii irratti diriirsuuf tarkaanfiin isaan jalqaba fudhatan jumlaan fixuu, qe’ee isaatti waraana duulchisanii qabeenya irraa saamuu fi barbadeessuu, guuranii garba taasifachuu akkasumas gabrummaadhaan gara Awurooppaanotaatti gurgurachuutu ture. Uummati Oromoo kan yeroo cabiinsaa lola irratti dhume caalaa erga cabee booda ta’e jedhamee kan jumlaan bakka tokkotti fixantu baayyee miidhaa dachaa qaqqabsiise. Fakkeenyaaf Harargee lixaa Calanqatti ummata walgahii waliigaltee nagahaa jedhee waamuudhaan ofii loltuu isaa dahoo dhokfatee ummata harka qullaa dhufe dubartii irraa harma muraa, dhiira irraa harkaa fi qaama dhiiraa irraa muruun lubbuu ummattoota miliyoonaan lakkaawamanii bakka takkatti calam godhe. Kanaaf seenaan sun hanga hardhaatti “Calii Calanqoo” jedhamuun yaadatamti. Yeroo sirna bulchiinsa sanaatti, humna waraana Minilik caalaatti kan ummata Oromoo miidhe, faffaca’uu fi quba wal dhabuu isaa ture. Kan baha jiru warra lixaa hin beeku, kan lixaas akkasuma, kan kibba jiru kan kaabaa hin beeku; kanatu rakkoo cabiinsaa itti fide. Gama biraatiin humni Minilik amantii dawoo godhatee waan deemuuf Oromoon hammi tokko lola isaa ija amantaatiin ilaalaa waan tureef walirratti loluun hin turre.


64 views0 comments

Recent Posts

See All

Comments


Post: Blog2_Post
bottom of page