Kutaa 3ffaa
tahu malee, ummi Oromoos carraa argatetti fayyadamee gatii haga xiqqoo kaffaluufiin isaas ni himama. Lola Arsii fi Waraana Minilik gidduutti godhametti, Arsiin yeroo kudha tokkoof (11) waraana Minilik injifachuun laga ceesiftee diina baqatee laga cehe duuka hin oolan jechuun dhiiftee galteetti. Fakkeenyaaf lola Arsiitti godhametti, jilli Haji Leenjisoo Diigaatiin durfamu loltoota Minilik isa loluuf dhufe guutummaa guutuutti fixuun, Minilik niitii isaa achitti gatee baqatee lubbuun of baafatee yoo galu; Haji Leenjisoon niitii Minilik kan maqaan ishii “___________” (kitaaba Amazon.com: Qeerroo fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Qeerroo: Caya Bilisummaa Oromoo (Afrikaans Edition) (9798606483976): Abaoli, Dr. Mohammed: Books) jedhamtu irraa fudhatee galee waggaa baayyee kan waliin jiraatee tahuu seenaan qabatamaan ni addeessa. Haa tahu malee seenaan Oromoo baayyeen yoo tahes akkuma jiruttiyyuu Afaan qofaan kan daddarbaa dhufe waan taheef osoo hin barreeffamin tureera. Sababni barreeffamuu dhabuu isaas sababa mootummoonni habashootaa seenaan akkasii kun akka irratti hin yaadatamne waan barbaadanii fi, ummata Oromoos barumsa irraa fageessuu isaaniitiini.
Kanaafigaa seenaa Oromoo keessatti jireenyi baqatummaa bakka baayyee kan qabaateefi.
Sirna mootummaa nafxanyootaa keessaa inni biraa fi cabsaa kan tahee Oromoo fi dachii Oromiyaa Minilik irraa dhaala fudhate, mooticha Hayila Sillaasee (Tafarii Mokonnon) kan jedhamu ture.
Hayila Sillaaseen caasaa mootummaatti gargaaramee empaayera Menilik ijaaree isa dhaalchise gadi jabeeffate. Akka aangootti dhufeen tarkaanfiin siyaasaa inni fudhate, empaayera Etiyoophiyaa Minilik ijaaran akka biyyaa seerawaatti hawaasa addunyaa biratti galmeeffachuu fi akka fudhatama argatuuf oliif gadii fiffiigaa ture. Akka kanaan empaayerri Itoophiyaa akkuma dachii Ummattoota Kuush walitti qabatteen bara 1923 miseensa Tokkummaa Mootummootaa (League of Nations) tatee mirkaneeffamte. Kunis tarsiimoo siyaasaa Hayile Sillaasee fi gorsitoota isaa warra Awurooppaa keessumattuu warra Ingiliz faatu ture. Innis maqaa tokkummaa fi qindeensa daangaa biyyaa (territorial integrity) jedhuun uummatoota akka Oromoo koloneeffataman akka mootummaa fi biyya ofii hin qabaanne gochanii empaayera Itoophiyaa keessatti dallaa itti ijaaruuf kan godhame ture. Haaluma kanaan sabaa fi sablammiiwwan biyyatti akkuma warra Minilik sanatti saba Amaaraa jala gadi jedhanii akka bulaniif, maqaa “Amantaa tokko-Biyya tokko” jedhuun bakka takkatti ugguree bulchaa ture.
Hayila Sillaaseen heera mootummaa isaa bara 1955 haaromse keessatti ummatoota biyyattii irratti kan isa muude Waaqayyo akka ta’etti labsate. Akka heerri Hayila Sillaaseen 1955 jedhutti aangoo isaatti eenyu iyyuu bu’uu hin danda’u. “Leenca mo’e, sanyii Yihuudaa, kan Waaqayyo muude, mootii moototaa Itiyoophiyaa” jedhee ofiin of muude. Qeesoti Bataskaana keessaas aangoon Hayila Sillaasee Waaqa irraa kenname jedhanii akka barsiisanii fi lallaban dirqama irratti buuse.
Kana biratti Hayila Sillaaseen mootummaa fi humna waraanaa ammayyaa kan yeroo sanaa empaayera biyyattii tiksu gadi jabeeffate. Aadaa, seenaa, afaanii fi duudhaa Oromoo fi uummatoota kaanii balleessuuf imaammata Amaaressuu jedhu baafatee socho’e. Kana hunda gorsaa fi gargaarsa biyyoota warra dhihaan raawwachaa ture. Mootummooti dhihaa sochiin warra Sooshaalistii bahaa keessaayyuu Tokkummaa Soviyeet gara Gaanfa Afriikaatti akka hin babal’anne dura dhaabbachuuf jecha Hayila Sillaasee qabachuun gargaarsa meeshaa waranaa fi gorsa waranaa guddaa kennaafii turan. Humna waraanaa leenjisaafiis waan turaniif, Hayila Sillaasen humna waraanaa cimaa ijaarratetti gargaaramee sochii bilisummaa uummatoota kolneffatamanii ukkaamsaa ture.
Haa ta’u malee wayta maatiin mootichaa fi aantoti isaa keessumattuu sabni Amaaraatii fi baandaan isaanii jireenya sadoo (baldaa/bashaashaa) fi qananii jiraachaa turanitti sabaa fi sablammiwwan biyyatti jireenya gadadoo keessa turan. Haalli dinagdee fi gadi qabaan siyaasaa uummata Oromoo fi cunqurfamtoota biroo irratti jabaachaa dhufuu irraan qabsoon koloneeffataa fi koloneeffatamtoota gidduutti ta’u babala’chaa deeme. Immaamatni cunqursaa mootummaa Hayila Sillaasee uummatoota koloneeffataman qofa utuu hin taane uummata inni keessaa dhalate iyyuu isa irratti akka fincilsiise ragaan tokko tokko ni addeessu. Akka kanaan murnootni hawaasaa garagaraa sirnicha dura dhaabbachuu eegalan. Jalqaba bara 1960 irraa jalqabee ummatootni akka Eritraa, Oromoo (keessumattuu fincila Qonnaan bultoota Baale), Ogaadeenii fi kan biroo Qonnaan bultootni Goojjam osoo hin hafin sirna Hayila Sillaasee irratti muddama fidanii turan. Keessumattuu sirnichi saba bal’aa Oromoo irratti dhiibbaa sirna amantaa, afaanii, qabeenyaa fi duudhaalee irratti waan qabuuf, ummatichi haala jabaadhaan falmachaa fi wareegamaa ture. Kahumsi ummata Oromoo akka jabaadhaan waan tureef humna waraana Hayile sillaasee akka cimaa dadhabsiisee ture. Sochiin diddaa gabrummaa kun akkuma guyyaa hardhaa kana tahaa jirutti, ilmaan Oromoo wareegama qaqqaalii fi godaansa badaadhaaf gahee ture. Haala kanaan Hayila Sillaaseen aangoo irraa kan darbame.
Waa'ee miidhaa mootummoota nafxanyootaa yoo kaafne, akkanatti dubbannee hin fixnu. Seenaan Atsee Yohaannis Oromoota Walloo irratti hojjate waan hangana jedhamee himamuu miti. Gama biraatiin seenaan Zawdituu fi Lij Iyyaasuun akkasumas Atsee Tewodroos dalaganillee kanaan adda miti.
Haaluma kanaan adeemsi sirna gita bittaa nafxanyootaa: Tewodroos waggaa 13, Zawdituun waggaa 7, Lij Iyyaasuun waggaa 3, Yohaannis waggaa 17, Minilik waggaa 25, fi Hayila Sillaaseen waggaa 44 Oromummaa diigaa fi Oromiyaa saammachaa adeemsa ‘Amaaressuu' nurratti raawwachaa turani. Garuu qabsoo Oromoon bilisummaadhaaf godhu itti jabeessuu malee of duuba deebisuu hin dandeenye.
Comments