top of page
Search
Writer's pictureMohammed Abaoli

Dhugaa Biyyi Itoophiyaa seenaa waggaa 3000 ni qabdii?

Kutaa 1ffaa

Seenaa Itoophiyaa isa dhugaa ilaalchisee hawaasni addunyaa odeeffannoo dhugaa wanti isaan beekan tokkolleen hin jiru. Akka biyyoonni adduunyaa baayyeen isaanii beekanitti, Itoophiyaan biyya angaftittii seenaa dheeraa woggoota 3,000 olii qabdu kan walabummaadhaan jiraachaa turtee fi biyyoota adduunyaa kanarraa akka biyyaatti hundoofte keessaa biyyoota akka Giriikii fi kannen biroo waliin wal bira qabuun ibsa kennuuf kanneen yaalanis jiru. Kanaafigaa seenaan biyyattiin ittiin beekamtuu fi dhugaan lafa jiru kan inni adda adda itti tahu. Itoophiyaan ishiin seenaa keessatti beekamtuu fi lafti ilmaan Kuush, empaayera Itiyoophiyaa har’aa wajjin tokko miti. Qeesotaa fi gita bittoota Habashaatu maqaa kana saamee kan ofii taasifatee woggoota kuma hedduuf ittiin of yaamaa ture. Kunis kan tahuu dandahe ummatni Kuush (guutummaatti jechuun ni dandahama) keessumattuu ummatni Oromoo ummata jireenyaaf hin dhiphannee fi kan ilma namaatiifis bal’isee yaadu waan taheef ummata biraatiin dhiibamaa dhufuun isaa baruma durii irraa kaheeti. Hawaasi addunyaa amma illee seenaa dharaa kana akka dhugaatti fudhachuun sobamaa jira. Empaayera Itoophiaa har’aa keessa sabaa fi sab-lammoota 85 ol ta’an kanneen afaanii fi aadaalee mata-mataa isaanii adda addatti qabantu jireenya isaanii bifa adda addaatiin geggeeffachuu irratti argamu. Sabaa fi sab-lammoota jiran kanneen keessaa sabni inni hunda irra guddeessi saba Oromoo yommuu tahu, inni xiqqaan saba “Aarii” akka tahe ragaaleen hanga hadhaatti jiran ni addeessu.

Empaayerri Itiyoophiyaa dhuma jaarraa 19ffaa irraa qabee hanga har’aa jiru Itiyoophiyaa Minilk II, Haayila Sillaasee, Mangistuu fi Mallas Zenaawwii ti jechuutu danda’ama. Hundinuu uummata Oromoo fi sabaa fi sablammoota biroo irratti gadi qabaa fi hacuuccaa siyaasaa raawáchuun beekamu. Seenaa Itoophiaa keessatti sirni dimookraasii fi wal-qixxummaan takkaa hojjetee hin beeku. Seenaan empaayerattii seenaa lolaa, beelaa, uummata lafa isaa irraa buqqisuu, fi aadaan dimokraasii dhabamuun beekama. Kunimmoo Itoophiyaa qofaaf osoo hin tahini biyyootuma empaayera jalatti bulan hunda keessatti beekamaadha. Sababni isaas biyyoonni empaayera jalatti bulan yeroo baayyee sarbama mirgaa ummattoota xixiqqoo fi hammeenyaan bebbeekamoo tahaniin qabeenyaa duudhaa fi aadaan saboota biro waan sarbamuufidha.

Itiyoophiyaan amma jirtu sirna empaayeraa biyya Habashaa Abyisiiniyaa jedhamtu dha. Empaayera Itoophiyaa har’aa kan uume mootii Amhaaraa akkaan hamaa fi ilma namaatiif hin quudanne nama Menilik jedhamu dha. Minilik dhuma jaarraa 19ffaa yeroo warri Awuroophaa biyyota Afriikaa qircatan innis biyya Oromoo fi saboota yeroo ammaa kana biyyattii keessa jiraatan biroo gargaarsa warra adiitiin weeraree qabate. Yeroo sanaa eegalee hanga bara 1975tti gita bittoota Amaaraatu (nafxanyootaatu) aangoo siyaasaa empaayerattii irratti wal jijjiiraa ture. Uummatni Oromoo empaayerattii keessaa harka ol’aanaa tahuyyuu, yeroo hunda aangoo siyaasaa fi diinagdee irraa dhiibamee moggaa jiraataa ture.


61 views1 comment

Recent Posts

See All

1 Comment


reisa123.com
Feb 05, 2021

Mashaa allah bekka kenyaa nuf jabadhu umuri dheradhu Rabbii sif hadabalu

Like
Post: Blog2_Post
bottom of page