top of page
Search
Writer's pictureMohammed Abaoli

Sirna Gadaa Shanan Gibee


Odaa Hullee fi Caffee Sadachaa

Seenaa boonsaa ummanni Oromoo qabuu fi kan seeneffatamuu qofa utuu hin ta’in sirna jireenya keenyaatti as deebi’ee ijaaramuu fi tajaajiluu qabu keessaa tokko sirna ittiin bulmaataa keenya durii kan tahe ‘Sirna Gadaa’ ti. Gadaan sirna Bulchiinsa Demokraatawaa kan sabni Oromoo Woggoota ‘kuma jahaa oliif’ ijaaree, tikseefi dagaagsee hawaasa haqa dhala namaa kabaju ta’uun ittiin jiraataa tureedha. Gadaan sirna hunduu dhiibbaafi loogii tokko male dirqama isaa ittiin bahachuun mirga isaa ittiin eegsifatee bilisummaan jalatti bulaa turee yommuu tahu, kan Oromummaa tikseefi gadi dhaabeedha. Gadaan sirna boonsaa kan dhalli Oromoo kophaatti ittiin of kunuunsu qofa osoo hin ta’in kan alaa itti dhufellee alagummaan utuu hin dhiibamin Oromummaa moggaafatee mirga guutuu itti argataa tureedha. Wolumaa galatti gadaan wiirtuu Oromummaa fi bilisummaa dhala namaa akka ture ragaan qabatamaanii fi afoolaa ni addeessu.

Kana qofas miti gadaan tokkummaa sabaa dhugoomsuun irreefi gaachana Oromoo ture. Gadaa jalatti hunduu akkuma haqaafi dirqama wol qixxee qabaataa ture biyya isaa irrattis abboominni isaa kan wol hin caalle ture. Aangoonis ta’ee qabeenyaan wol caalanii saba gidduutti gita uumuufi duraa duuba dhaabbachuun iddoo horatee hin beeku. Hunduu biyya isaatii quuqamaa waan ta’eef guyyaa gammachuu qofa utuu hin ta’in guyyaa hamaan uumamellee wojin murteeffatee, wojjin itti bobba’ee daangaa isaa kabachiifata. Hunda caalaa gadaan irree Oromoo cimaadha ture. Kanaaf lafinniifi badiinsi sirna Gadaa diigamuufi kufaatii Oromootiif keeyyata jalaqabaa ture yoo jenne dogoggora miti.

Weeraraafi bittaa alagaa jaarraa tokkoofi wolakkaatiin booda qabssoofi woreegama dachaa hedduun akka hawwiitti arifachuu baatus dhugaan Oromoo ifa galafi mullataa dhufaa jira. Lammiin bara dheeraafi wolirraa fagaateefi fageeffamee ture wolitti deebi’uufi wol hawwachuun akkasumas aadaafi seera isaa awwalaman deebisee ol kaasuufi kunuunsuu jalqabuun isaa bu’aa qabsoo woreegama hadhaahaa keessaa isa guddaafi calanqisaa tokko. Kana keessa akka fakkii guddaatti kan mulatu kabajamuu sirna Gadaati.

Sirna Gadaa Oromoo kanneen dursaan badan keessaa tokko Gadaa Odaa Hulleeti. Gadaan kun kan akaakilee ilamaan Macaa garee worra Sadachaatiin kan ijaarame yoo ta’u innis quxisuu Gadaa Odaa Bisil seena qabeessa kan tumaan Makoo Bilii itti tumameeti. Gadaan Odaa Hullee Oromoota lixa kibbaa Oromiyaa jiraatanu kanneen jalqaba jaarraa kudha saglaffaarraa jalqabee bulchiinsa mootolii shanan gibee (Jimma, Goomma, Geeraa, Limmuufi Guumaa) jalatti bulaa turaniiti. Sirna Gadaa kan dursaan bade yoo ta’u har’a badiinsi isaa jaarraa sadaffaa keessa jira.

“Ijji badus iddoon ijaa hin badu” akkuma jedhamu, sirni gadaa kun hafuun isaa jaarraa lamaa ol ta’uyyuu Odaan Hullee garuu har’as lafuma sana jira. Innis godina Jimmaa aanaa Omoo Naaddaatti argama. Bara sirni Gadaa si’a Odaan Hullee wiirtuu tumaa seeraafi bulchiinsaa turetti Oromoonni Gadaa kana jalatti seera tumataa turan kutaalee bulchiinsaa torbatti qoodamuun seera jaraa kabachiifataafi raawwachiifataa akka turan beektonni ni mirkaneessu. Torban kutaa bulchiisaa kunis Tumaa Amdoo, Odaa Tinjii, Odaa Liiban, Caffee Senqee, Tumaa Gophaa, Tumaa Mayyee fi Odaa Diimaa jechuun beekaman.

Akka hayyootiin seenaa ibsanutti kutaan kun kan qabeenya umamaatiin heddu milkaahe, kan hojiin qonnaafi ogummaan harkaa itti dagaageefi sirni daldalaa sadarkaa guddaa irra itti gahe ta’uun isaa dagaagina gita hawaasaafi kuufama dilbii (development of social classes and accumulation of capital) uumuun sirna haqaafi dimokraasii sana irratti dhiibbaa hamaa akka geessiseefi badiinsaa akka saaxile hubanna. Jijjiiramni sana booda uumame gama diinagdeefi hawaasummaatiin milkii guddaa argamsiisuun isaa dhugaa ta’uyyuu dhiibbaan inni gara adda addaatiin uumes akka jiru ifaadha. Sana faana hacuuccaan gitta bittaa alagaatiin raawwatamaa ture, jijjiiramni amantaa ummatichaafi itti makamni sabaafi sablammoota gara garaa rukunii hundaan dhiibbaa uumuun sabboonummaa hawaasa kanaa irratti qormaata cimaa ta’aa akka dhufe namuu ni hubata.

Odaan Hullee Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa daangaa gandoota Laaloo Beeyyamiifi Collee Beeyyamirratti Aalleerraa kiilomeetira shan, Bulbulirraa kiilomeetira 10 fagaatee argama. Odeeffannoon maddoota adda addaa irraa argame akka ibsutti, Odaan Hullee, Odaa ilmaan Oromoo Gibee hanga Gojabiifi Dhidheessaatti jiraatan sirna Gadaa jalatti geggeeffataniifi Abbootiin Gadaa walga’ii seera tumuuf itti tajaajilamaa turaniidha.

Hundee jecha Hullee ilaachisee yaadota adda addaatu jira. Maanguddoonni osoo karaa adeemanii shamarran qodaa bishaaniifi annanii buqqeerraa tolfame baatanii deeman arganii maal baattu? jedhanii gaafannaan Hullee jedhanii deebisan. Kanumarraa ka’uun bakki sun Hullee jedhamee moggaafame. Uluu ykn ulmaayyii jecha jedhurraa madde akkasumas maqaa nama dhuunfaa ykn kan gosaatti ragaaleen jedhanis nijiru.

Odaa Hullee gaafa gala Bisiil kan filatameef iddoon isaa walarguuf lafa ol ka’aa bakka kamiyyuu mul’achuu danda’u, walqixxee, mijaawaafi bareedaa ta’uu isaatiini. Lafa Odaan Hullee jirurraa dhaabbatanii kallattii hundaanuu waanti ija namaa arguu dhorku kan hinjirreefi dirree miidhagina addaa qabuudha. Haalli filannoo isaas naannawaa to’achuuf bakka tarsiimowaa ta’ee kan Oromoon iddoo baay’eetti hojiirra oolcheen walfakkaata. Ayyaantuu ogummaa agartuun kan badhaafameen kan filatame ta’uu namatti agarsiisa.

Akka raga argameetti, yeroo itti Odaan Hullee hundeeffame sirriitti beekuun yoo ulfaateyyuu, karaa/ konfederaasiin gosoota saglanii (Abbukaatotaa, Abbulluu, Agaloo, Badii, Billoo, Diggoo, Harsuu, Laaloo fi Qoree) akka wirtuu Gadaatti naannoo jaarraa 16fa keessa akka hundeessan ni himama. Hogganaan hundeesse Baabboo Koyyee (Ayyaantuu yeroo sanaa) yoo ta’u, innis akkas jedhe “kottaa as teenyee seera haatumannuu, Odaan kun Odaa seera tumaati” garuu seerota waamara ilaallatan tumuu irratti qooda guddaa kan gumaachan Abbaa Deebanooti. Seeronni Odaa Huullee jalatti tumaman kan gumaa baasu, gumaa timsu, gaa’ela, lukoommii, qabeenyaa, hannaa, sobaafi sagaagaluu, kofa ummata baasu, aagiyoo balleessuufi kanneen biroo of keessatti hammataniidha.

Naannoo bara 1730 hanga 1738tti Odaan Hullee wiirtuu bulchiinsaa beekamaa akka ture ragaaleen ni addeessu. Hundeeffamuun Odaa Hullee yaaddoo marmaarsa gara Odaa Bisiil kan hambiseedha. Hundeeffama Odaa Hulleetii hanga laafina Gadaa Maccaatti baay’inni aboota gadaa turanii lakkaa’anii tartiibaan lafa kaa’uun qorannoo bal’aa gaafata. Garuu Abbaan gadaa xumuraa Abbaa Boosoo akka turaniifi sanyiin isaanii Hullee irraa godaananii Aanaa Deedoo, Ganda Qoree Maanxaatti kan argaman akka ta’e maanguddoonni naannawaa Odaa Huullee ni ibsu.

Umurii dheeraa kan lakkoofsise barcumni Abbaa Boosoo yeroo ammaa mana warra Abbaa Malkaa gosa Harsuu Obbo Tamaam Abbaa Foggii Abbaa Garootti argama. Obbo Tamaam dhaamsa abbaan, akaakayyuufi akaakileen isaanii dhaamaniif yaadachuudhaan akkasumas safuu hambaaleef qaban kabajanii faayidaa dhuunfaaf jecha osoo osoo hinballeessin har’aan gahaniiru.

Odaan Hullee galma adda addaa fi dirree jila aadaa akkasumas jila amantii Waaqeffannaa itti geggeeffamu kan qabu yoo ta’u, isaanis Odaa Hulleetti naanna’anii akka armaan gadiitti argamu.

1. Odaa Gumii: Odaa Hulleerraa kallattii Kibbaatti tilmaamaan meetira 100 fagaatee kan argamuudha. Odaa kana jala warra Gumiitu taa’aa ture jedhama. Odaan kun har’as jira.

2. Odaa Jahanii: odaawwan kunneen akkuma maqaa isaanii ja’a ta’anii bakka tokkotti kan argaman yoo ta’an, Odaa Hullee irraa gara kallattii dhiyaatti tilmaamaan meetira 400 irratti argamu. Bakka kanatti namoonni seera tumuudhaaf gara Odaa Hulleetti osoo hinseenin dura bakka itti haaragalfatanii qophii taasisaniidha.

3. Odaa jaalallee: Odaan kun Odaa Hulleerraa meetira 100 fagaatee kan argamu yoo ta’u, seera tumaan boodda hirmaattota biyya biyyaarraa dhufaniif nyaataafi dhugaatii qopheessuun eebbaan saaqanii affeerraa raawwachuun bakka lammiin wal mararfachuun jaalala itti cimsatuudha.

4. Siidaa Jila Abbaa: naannawaa jila malkaa jila Gibeetti aanee kan argamu yoo ta’u, siidaa Waadaa jedhamees ni waamama. Siidaa jila Abbaan Gadaa bara hojiisaa xumureefi Abbaa gadaa Haaraan itti argamuudhaan aangoo walikaa fuudhuun bakka itti geggeeffamuufi waadaan itti galamu har’as dhaabbate jira.

5. Malkaa Abbaa Gaadaa: Bakki kun Odaa Hulleerraa gara Kaaba bahaatti kan argamu yoo ta’u, bakka Abbaan gadaa itti dhiqatee ginna ciisuun gadoomaaf itti qophaa’uudha. Lafti kun har’as yoo ilaalamu bakka haroo bal’aa akka ture mirkaneeffachuun ni danda’ama.

6. Caffee Abbaa Gadaa: Bakka fardi Abbaa gadaa dheedu akka ta’e himama.

7. Gulantaa Fardeen Tumaa Dufanii: bakki kun gara Kibbaatti bakkee bal’aa Odaa Gumiifi bishaan Hullee gidduutti argamu yoo ta’u, dirree kanatti garmaama fardeeniitu itti geggeeffamaa ture.

8. Teessoo Makkoo Horee: Teessoon kun kan dubartii beekumsa dubbiifi raagaan badhaafamte Makkoo Horeeti ture. Makkaawaareen ogummaa hayaqabeessa ta’een ummata hoogganteetti. Beekumsi isheen qabdu kan dhalootaa dhalootatti darbaa dhufee hara’a gahan jiru. “Nama uffata xurii hinmiiccannee manna, nama qullaa deemu wayya.” “Beekaa namaan hinmariyannee manna, wallaalaa wayya” kanneen jedhaniidha.

Seenaa boonsaa ummatni Oromoo Jimmaa qabu kun bara dheeraaf addaan cite waan tureef qorannoofi qophii taasisuudhaan iddootti deebisuu qabna.



33 views0 comments

Recent Posts

See All

Comments


Post: Blog2_Post
bottom of page