top of page
Search
Writer's pictureMohammed Abaoli

Ustaaz Ahmaddiin Jabal eenyu?


“Nuti Muslimoonni kaayyoo nama ajjeefnuuf yoo hin qabaannes; kan duunuuf garuu Islaamummaa qabna!”


Ahmaddiin Jabal goota qofaa miti; jagna keenya; gamna keenya; hayyuu keenya; gameessa keenya! Jaallattus jibbitus kana fudhachuu qabda abbaan waa’ee isaa baruu barbaadde.

Ustaaz Ahmaddiin Jabal goota keenya yeroo jennu callifnee miti. Sochiilee manneen barnootaa irraa jalqabee nama wayyaanees tahee nafxanyaaf guyyaa tokkollee bakka kenneefii, kabajaa kenneefii; mataatti ishee baatee kan beekuu miti. Yeroo hunda dhugaaf dhaabbachuu fi dhugaaf dubbachuun barbaachifnaan bakka sanitti kan argattan Ustaaz Ahmaddiin Jabal taha. Abbaan deete aangoo fetes, human feetes; qabeenya feetes haa qabaattu malee, Ustaaz Ahmaddiin Jabal dhugaa dubbachuu fi dhugaaf falmuu irraa nama sekoondii tokkollee of duuba deebi’ee beekuu miti.

Cimina Ustaaz Ahmaddiin Jabal kan beeku ummata Muslimaa fi kaafiraa biyya keenya keessa jiraatanii fi kanneen maqaa biyya keenyaa dhahatanii adduunyaa kanarra faffaca’anii jiraataniidha. Darbees aarsaan inni Diinal Islaamiif kaffale adduunyaa guutuutti isa beeksisee jira. Hagam akka inni nafxanyaatti nama hamaa tahemmoo nuti ummata Oromoo caalaatti jaruma nafxanyaa hardha isin ittiin isa komachuuf dhamaatan kanatu isa beeka.

Seenaa biyya Itoophiyaa keessatti namni akka ummata Amhaaraa saba Oromoos tahee kanneen biyyattii keessa jiraatan miidhe tokkolleen hin jiru; ilmaan biyyattii keessatti dhalatan keessa garuu namni akka Ustaaz Ahmaddiin Jabal Amhaaraa fii seenaa isaanii cabsee qullaatti hambisee fokkisiise hin jiru. Seenaa jarri jarraa tokkoof walakkaadhaaf ummata biyyattii ittiin cabsitee; keessumattuu dhiibbaa maqaa dhokfatee ummata Oromoo irra gahaa ture, innis maqaa isaa dhoksee bifa amantaatiin qabee diigee dirree baasee jira.

Seenaan hin sobu yommuu jennu akkasumaanii miti! Nafxanyaan seenaa dharaa ilmaan biyyattii irratti dalagaa turanii kahanii soba dhugaa fakkeessuun seenaa faalanii ummata keenya dugdatti cilee dibanii barreessanii dhaloota dura kaahuun wal barsiisaa turani. Haa tahu malee dhugaan hin qallatti malee hin cabdu akkuma jedhamu; Ustaaz Ahmaddiin Jabal seenaa kana gadi diigee; dhugaa jirtu yeroo ifatti afaanuma jaraatiin barreessee dura kaahuu hunduu akka waan bakakkaan itti buheetti dubbisee rifataa ture. Isa qofaan hin dhiifne; warra afaan jaraa hin danyeenyee fi kanneen qubee saabaa dubbisuu hin barbaanneefis Afaan Oromootiin barreessee ummata isaa badhaasee jira. Kanas seenaan hin dagatu! Rabbis dhugaa hin dagatu; wanti Rabbiin bira gahemmoo waasii biraa hin barbaadu!

Ustaaz Ahmaddiin Jabal, hayyuu Islaamaa fi Saayinsiiti. Irra caalaan keenya yoo barannes kaayyoo keenya adda baafannee hin beeknu; ykn osoma qoonqoo keenyaaf ittiin tahaabbannuu qofa guyyaanis nu jalaa dabarraan adduunyaa kanarraa godaanna. Haa tahu malee, Ustaaz Ahmaddiin Jabal nama ilmaan namaa jijjiirama barbaadu hundaaf fakkeenya tahuu dandahudha. Inni nama baratee kahee waan baratee olitti ittiin hojjatedha malee kan akkasumatti qabatee galee rafee ykn immoo woma xiqqoo qofa hojjatee jiraatuu miti.

Waa’ee jaqnummaa fi gamnummaa isaa ilaalchiseemmoo, hojii fi adeemsa isaa irraa barachuu ni dandeessu. Seenaan inni qabsoo

Rabbiin ilma namaa eessattuu bifaa fi qabeenyaan akkasumas gosaan jajee waamee hin beeku; ilma namaa kan waamuun namummaa isaatiinii fi beekumsa isaatiini. Qur’aana keessatti Rabbiin “yaa Ilmaan namaa, …’ jedhee hunda walitti qabee waama. Ilmaan namaa keessaa immoo “yaa beektotaa, …” jedhee adda baasee sadarkaa beektotaa ol fuudhee waama. Kana jechuun beekaan Rabbiin biratti kabajaa guddaa kan qabu yoo tahu, beekumsa keessaammoo; beekumsi Islaamummaa adda tahee yaamama. Kanaaf Rabbiin “Ulamootaa fi Daa’watoota” adda baasee sadarkaa isaanii nutti dubbata.

Kanumarraa kahuudhaan nutis beekaa keenya kabajuu fi jala deemnee irraa barachuun kan barbaachiseefis. Ilmi namaa beekumsaanis wal caala; kaan beekumsa adduunyaa guutuu fayyadu baatee deema; kaan woma ummata isaa ittiin fayyadu qabaachuu ni mala; kaan immoo woma isa qofa fayyadus qabaachuu yoo malu; hedduun namaa immoo beekumsa irraayyuu qulqulluudha. Beekumsa dhabuun dhukkuba cimaadha. Beekumsa qabaachuu ofii baruu fi wallaaluunis rakkoodha. Namni yoo beekes yoo wallaales ni jallata. Haa tahu malee namni Rabbiin qajeelcheef akkuma Ustaaza keenyaa kana ummata isaa ittiin fayyaduu dandaha.

Beekumsi yoo xiqqaattes rakkoodha. “Ilmiin xixiqqoon garaa nama hin teessu.”; “Qodaanuu hidhuutu raafama.” …. Jedha Oromoon yoo mammaaku. Namni barnoota irra turee gaafa digrii jalqabaatiin eebbifamu, waan waa hunda bare itti fakkaata; yoo darbee masterii baratu immoo akka beekumsi isaa kun xiqqoo taate of hubata; gaafa gahee PhD bartu immoo; ofii isaaf akka womaa hin beeknee fi namni waa beekuyyuu adduunyaa kana irra akka hin jirre of hubata. Kana jechuun adaduma beekumsa keessa achi fagaachaa deemnuun beekumsi baayyeen akka jiruu fi qaamni kana hunda walitti qabee beeku wayii addatti akka jiru hubannaa jechuudha. Beekumsii fi beekaan bakkuma hunda kna jiru yoo tahes; beekumsi adduunyaa kanarra jiru hundi isaa “Qur’aana” keessaa bahee hin beeku. Kana jechuun namni Islaamummaa hubate tokko beekumsa waan hundaaf isa fayyadu gahaa qabaa jechuun raga biraa hin barbaachisu. Haa tahu malee, beekumsa qabanitti fayyadmuun gamnummaa akka Ahmaddiin Jabal kana faa qabaachuu nama barbaachisa.

Ustaaz Ahmaddiin Jabal beekumsa isaa qofa osoo hin tahiin, ‘Amiira’ Muslimootaati; Muslimoonni immoo ajaja Amiiraatiin ala bahuu hin dandahani. Kana jechuun koo namoonni hundi yaada isaanii ibsachuu hin dandahan ykn dhimmi ofii oofachuu hin dandahan osoo hin tahin, namni beekaan ‘ni dhaggeeffatama’ jechuu kooti; dhaggeeffatanii yoo namaa tahe fudhachuu, yoo dide dhiisuudha malee nama beekaa ofii ‘arrabsuu fi xiqqeessuun’ fokkuudha; gadi aantummaadha; salphina; of wallaaluudha jechuu kooti. Beekaan silaahuu beekaadha; beekumsa abbaan tahaabee argate namni irraa fudhachuu hin dandahu; aangoo nafxanyaa miti, irraa buusuun ykn ol baasuun hin dandahamu. Ummanni beekaadhaan durfamu, ummata guddatedha; ummanni wallaalaan durfamu immoo kan dhumni isaa dhihaattedha.

Gidduu kana dubbii Ustaaz Ahmaddiin Jabal dubbate ilaalchisuun duulli akka hin taanetti interneetii kana irratti itti godhamaa jira. Namni waan fedhe dubbachuuf mirga guutuu qaba; interneetiin nama hundaafuu wal qixa; garuu nama arrabsuun aad-maleedha. Dhaggeeffatanii yoo namaa tahe fudhachuu; yoo hin taane dhiisuudha kan silaa nurraa malu. Keessumattuu namni Muslimaa akkamitti Ustaaz Ahmaddiin Jabal afaanii baafatee arrabsa??? Ustaaz Ahmaddiin Jabal ummata Muslimaatiif jecha wayyaaneedhaan hidhaatti darbamee; murtiin dharaa itti dabarfamee; achi keessattuu miidhaan meeqa irra gahaa ture; kanarra darbee Oromummaa isaa qofaan warren waliin hidhaman biraa hambifamee kophaatti dararamaa ture. Gaafa inni “Nuti Muslimoonni kaayyoo nama ajjeefnuuf yoo hin qabaannes; kan duunuuf garuu Islaamummaa qabna!” jechuun sagalee ol qabee dubbatee mataa ol nuqabachiisu “…. Ustaazee…” jennee iyyaa kan turre, amma maaf dubbata jennee dubbii isaa keessaa waan nu fayyaduuf dhiisu adda baafachuun duratti gadi baanee arrabaan kahuun kun xinneenya keenya nu agarsiisa.

Yeroo ammaa kana abbaan Qeerroo #Jawaar_Muhaammad irraa hidhamnaan qeerroon akka taatu dhabdee wal abaaruu fi wal arrabsuu qofa taatee jirti. Kun garuu tahuu hin qabu; obsumaan beekaa biraa bakka buufannee; hamma inni hidhaa kana keessaa baafamutti ciminaan tokkoomnee qabsaa’uu qabna ture silaa.

Waa’ee Ustaaz Ahmaddiin Jabal waanan akkanatti dubbadhee fixuu osoo hin tahiin akka seenaatti waan barreeffamee taahuu qabuudha.


“…… abbaan Qeerroo #Jawaar_Muhaammad irraa hidhamnaan qeerroon ….” Barreeffama itti aanu irratti nu eegaa, Inshaa Allah!


Wal kabajuun aadaa Oromooti!




4 views0 comments

Recent Posts

See All

Comments


Post: Blog2_Post
bottom of page