Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa
Sabboonummaa fi Islaamummaa
Ustaaz Raayyaan; “Raayyaa Abbaa Maccaa Haji Abbaa Goduu Abbaa Sangii Abbaa Booqaa Abbaa Diimaa” jedhamuun beekamu. Ilma Oromoo qulqulluu taliileedha. Oromummaas dhiigaan malee moggaasaan hin arganne; Oromeessuu keessattis gahee guddaa taphachaa turani. Mootummaa Shanan Gibee keessaa, Mootummaa Gommaa keessatti akka lakkoofsa warra habashaatti bara 1965 keessa kan dhalatan yommuu tahu, guddinni isaaniis baadiyyaatti yoo tahee, ijoollummaa isaanii irraa kaasanii barnoota Diinii Islaamaa Muftii Bottoo jalatti Moxxolaa turani. Barnoota isaanii kan idilees haaluma yeroo sanii irratti hundaa’anii kan hordofan yommuu tahu, hanga kutaa 8ffaattis xumuraniiru. Barnoonni isaanii kunis walitti iida’amuun bara ummanni biyya keenyaa ija hin banatinittis akka isaan ija qofa osoo hin tahiin, qalbii fin onnee isaaniillee ittiin banatanu taasiseenii jira. Akka ijoollee baadiyyaas doofummaa fi booda deemtummaa hin qabanu ture; warri magaalaayyuu waan hedduu irraa baratani. Adda durummmaan isaan Islaamummaa fi Oromummaa keessatti qabanus, adduunyaa Oromoon miillaan ejjatte hunda keessatti fudhatama ol’aanaa qaba.
Raayyaan hayyuudhas; hayyuu Amantaa Islaamummaa fi Oromummaati. Lamaanuu yoo barachuu barbaaddanis tahee fakkeenyummaaf yoo barbaaddan Raayyaa Abbaa Maccaa dubbisaa, fakkeenyas godhadhaa. Bosona seenees; ifa bahees qabsaa'aa karaa haqaati inni. Kana qofallee osoo hin tahiin, ilmi namaa hunduu waan yaada isaa ibsachuuf mirga guutuu qaba; haa tahu malee, keessumattuu beekaan yeroo dubbatu maaf akka dubbate dhaggeeffatanii yoo nama fayyada tahe itti fayyadamuu; yoo hin taane dhiisuu malee afaan ajachuun nama hin baasu. Yeroo Hayyuu Islaamaa akkasii tokko gadi baatee afaan itti cabdu, Ulamaan meeqa akka gadi qabee keessoo isaatti sitti aadu beektaa??? Innumti Ulamaa tokko, inni Rabbii isaatti hin iyyatu sitti fakkaataa??? Rabbiin immoo harka Ulamootaa duwwaa deebisa jettee yaaddaa??? Of hin gowwoomsin adaraa!!! Mootummaanis ni darba; aangoonis ni kaafama; atimmoo ammallee nama bakkayyuu hin qabneedha; ofiifuu badduudhaa ; dhala keetti abaarsa hin guurin! Bishaan darba gahe si hin nyaatin jedha Oromoon. Dr. Abiyyii gargaaruu fakkeessee, kan oduu ofiillee to'achuu dadhabaa jirutu jira; kun gowwummaadha. Jarri lamaan bakka beektutti wal beekti, si garuu seenaanis seerris si hin beeku. Hundaa olitti wanti ati beekuu qabdummoo yoo jiraate, Mootummaa Dr. Abiyyiif; deeggarsa ati gooturra, mormii Raayyaatu faayidaa qaba. Namni gaafa ani beekaadha ofiin jechuu jalqabe, dubbiin baddeetti. Bakka hin jirre teessee, achittuu of arguu jechuun fokkuudha. Kanaaf yeroodhaan fokkuu keessaa of galchi adaraa. Ulamaan Islaamaa, kan firqaa kamiin keessayyuu jiru waa'ee Raayyaa irratti si hin dhiisuu beeki; daa'ima lafaa kaatu; dullacha uleen deemutu waa'ee Raayyaa qoma keessaa qabaa.
Manzuumaa ykn bifa faaruutiin Islaamummaa barsiisuudhaan kan beekaman Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa, haalli isaan itti qindeessaniif itti dhiheessan; akkasumas yeedalloon isaanii haala onnee namaa cabsee seenuun kan dhihaatanii fi naatoo ummanni Muslimaa isaaniif qabuuf karaa guddaa kan tahedha.
Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa hanga ammaatti manzuumaa Afaan Oromootiin kaaseeta 33 qopheessuun sabaa fi Amantaa isaanii Islaamummaa haala nama ajaa’ibsiisuun gargaaraa jirani. Ergaawwan amantii Islaamaa dabarsuun cinaatti Uztaaz Raayyaa Abbaa Maccaa waa'ee jiruu fi jireenya uummata Oromoos manzuumaa isaanii keessatti hojjetaniiru. Dabalataanis kaaseta 6 afaan Amaariffaatiin kan isaan qopheessan, kan haalaan garaa nama nyaatu ture.
Daandii Isaanii
Akka lakkoofsa habashaatti bara 1983, wayita mootummaan dargii kufee Wayyaaneen aangoo qabatu mormiiwwan geggeeffamaa turan keessaa, dhaaba adda durummaadhaan saba Oromootiif qabsaa'u “Adda Bilisummaa Oromoo”tti makamuun leenjii marsaa 24ffaa magaalaa Harawaacaatti fudhatanii qabsoo sabaa finiinsaa turani.
Sanaan booda lola hedduu keessatti hirmaatanii kan turan yoo tahu, ergasii qabamanii yeroo dheeraadhaaf mana hidhaa Wayyaanee kan abbootiin garaa itti ummata keenya hiraarsan sana keessa turani. Adda Bilisummaa Oromoo keessatti bifa walleetiinis qabsoof gumaachaa turaniiru.
Waldaa Maccaa-Tuulamaa keessattis namoota bebbeekamoo kanneen akka Obbo Alamuu Qixxeessaa, Obbo Baqqale fi Dr. Gammachuu Magarsaafaa dabalatee namoota waldicha hoogganan waliin ta'uun dhimma aartiirratti Oromoo irratti hojjataa turani. Bifa weelluu fi walalootiin waa'ee qabsoo Oromoo cimsuu irratti gumaacha ol’aanaa saba kanaaf oolaniiru. Hawwisoo baandii bilisummaa keessa galuun sirboota akka 'Hafuursaa loli', 'Namni dhugaadhaa kami' hojjachuun isaanii qabxiilee seena qabeessa keessaa isaan muraasadha. Akkasumallee qabsoo Oromoo weelluudhaan utubaa kan turan Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa waa'een sabummaas hundaa olitti akka isaan quuqu namatti mul’isa. Waan nama ajaa’ibu keessaa, weelluun isaan gaafas ummata ittiin kakkaasaa turanis, akka hardha gadheen diinqe nafxanyaa teessee odeessitu kana osoo hin tahiin kan ‘dhiira, dhiira’ urgooftuudha. Guyyaa hardhaa irra dhaabbannee yeroo ilaallu, haalli weelluun isaanii keessa ture, qindeessa namoonni baayyeen hardha Islaamummaa faarsina jedhanii nashiidaa leellisan caalaatti kan haqa of keessaa qabudha. Keessumattuu Weelluun isaanii kan “Namni dhugaadhaa kami” jedhu tokko hanga hardhaattuu barbaadamee deebiin hin argamneefi. Osoo gaaffii isaanii kanaaf deebiin argameetii, silaa Oromoo dhiisii; adduunyaanuu furmaata argatti turte. Ergasii haallis jabaatee saahibban isaanii godaansaaf gara biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaatti biraa deemnaan, godaansatti waan hin amaniniif; “Jiraadhee akka itti itti jiraatan yoo daa'ima hin barsiisin, godaanee godaanuu dhaloota barsiisuun narra hin jiru” jechuun biyyuma keessatti bifa addaatiin qabsoo gara hundaanii eegalani. Haa tahu malee, biyya keessatti hafanus, dalagaa isaanii kan Aartii sana hin dhiifne. Yeroo dubbatan akkas jedhu turani; “Ani utuman aartii dhiiseellee, Aartiitu na hin dhiisu; Namni aartii bare akka maraachuu ta'a, yoo aartii dhiise”.
Sana boodas, namoota umuriidhaan bubbulan irraa walaloo fi yeedaloo fudhatanii manzuumaa baasuun ummata Muslimaa tajaajiluu eegalani. Haa tahu malee, dhaamsa amantii Islaamaa bifa faaruutiin (manzuumaatiin) dabarsuun of eeggannoo guuddaa gaafata; yaaduma fedhan akka fedhanitti dabarsuun hin dtaatu; amantaan seera jallachuuf hin malle qaba waan taheef, dirqama akka amantichi barbaadutti ofii jala deemuuf of qabuun beekamaadha. Yeroo sanatti Afaan Oromoo, Oromoodhumaa waliin dagatamee; Oromoo fi Oromummaan arrabsamaa, tuffatamaa waan tureef, kana hunda danda'anii nashiidaa kana hunda qindeessuun aarsaa guddaa nama kaffalchiisa. Garuu Ustaaz Raayyaan eenyuunuu olitti waan kana dalaganii jiru.
Afaan Oromootiin nashiidaa yeroo hojjatan jalqaba ofumaa akka itti gammadan dubbatu; Akkaataan Oromoon hundi dhagahuttin dhiyeessuuf yaaluun immoo irra caalaa kan gatii nama kaffalchiisuudha. Maaliif yoo jedhan, Afaan Oromoo loqoda hedduu waan qabuuf, ummanni bakkee adda addaa irra jiru bifa wal fakkaataan ergaa jiru akka hubatuuf hojjachuun aarsaa nama kaffalchiisa. Egaa, kana hunda booda nashiidaan isaanii hinumaa Uummata Oromoo bira darbee saboota biraa birattillee jaallatamuu eegale. Manzuumaan isaanii ummata hundaan jaallatamnaan Afaan Oromoo afaan namatti tolu ta'uusaa nama hubachiisaa fi ergaa amantiis wal faana dabarfachuu dandahanii jiru.
Ummata sagalee hin qabneef sagalee tahuudhaan akka rakkoonsaa hubatamuuf gargaarsa guddaa tahanii jirus. Keessattuu wayita lammiilee Oromoo Naannoo Somaaleerraa buqqa'anii waaan nyaatanuu fi waan dhugan; qoricha yaalaa illee kan hin qabneef wayita irree isaanii diriirsanii fi sagaleenis dhageessisan, adduunyaa Oromoo guutuutu gammade.
Warri hardha Raayyaan arrabsuuf arraba milmilchu, gaafa inni bilisummaa saba isaatiif bosona keessaa boombii gangalchu, jarri mana bunaatii nafxanyaa waliin xarmusii biiraa gangalchu turani; yeroo inni saba isaaf bosona keessa baala mukaa nyaatee, garaa hidhatee, qorraa, bokkaa, aduu fi hongeedhaan gidirfamu; jarri garuu dhaabboo mana Abbabech cuffataa, farshoo itti habbuuqqachaa utaalu turani. Gaafa inni boombii fi rasaasa diinaatiin dhahamee dhiiga lolaafatu, jarri hardha afaan banan kun garuu machaa'anii kabbadaa fi laggasaan mataa isaan buruqsinaan lolaa keessatti gangalatu turani. Raaayyaan akka taphitti kabajaa kana hin arganne. Hardha yeroo afaaniin jiruun itti tollaan abbaan agarte oduu gadi yaa'aa ooltu woma salphaa wayii fakkaata. Raayyaan eenyuun akka tahe Abiyyiitu jala sararee beeka, ummata Oromoo dhugaatu beeka malee; qabsaa'ota dhugaaf quuqamantu beeka malee; Gondoreen bara achi aanu dhuftee maqaan itti bahe waa'ee isaa kaasuuf osoo qaanfattee irra gaariidha. Seenaan tokko tokkoon keenya eenyuun akka taane nu beeka; kanaafuu kabajaa ofiitiif jechayyuu osoo calliftanii isiniif wayyan jedha gara kiyyaan. Yoo diddanii xaxxaaxoftan immoo al tokko gara keessan irra gorree chaappaa hin banne dugdatti isin dhoofnee dabarraa. Raayyaan Oromummaas moggaasaan hin arganne; ykn akka warra hardha muxxifatuu kana akka Gaangee sanatti eessumaan of hin waamne; inni Oromoo Oromtichii fi Oromtittiin dhangihanii guddisaniidha malee.
Raayyaan gaafa nafxanyaanii fi wayyaaneenis harka wal jala fuudhanii ummata Muslimaa xiqqeessuuf hojjachaa turanis, takkaa sodaa tokko agarsiisee hin beeku; dhokatees hin beeku; fuuldura ishee burraaqaatuma eenyu maal akka taate itti himaa haqa falmataa ture malee. Hardhas yoo tahe haqa falmataa jira. Gaafa sanis, warra Muka soqee gabbaruunis dhugaa itti himaa, warra suuraa fannisee itti sagaduufis, bakka jaraa akeekkachiisaa; warra dhugaan Islaamummaa galteeniifis abshiraa karaa gaarii irra jirtanii jechaa hardha gahe malee. Raayyaan yeroo bakka amantaa dhaqes, akkuma sanatti geggeessa; yoo bakka Oromummaa dhaqes, osoo Oromoon tokko dubbii isaa keessaa mufaatu tokkollee hin argin, hundaa bifa nama gammachiisuun xumuree biraa gala. Kun immoo akka kiyyaattis tahee akka nama waa beeku tokkootti, beekumsa cimaa qabaachuu isaa nama agarsiisa. Hardha warri nuti beekaadha jedhanii bookkisanu kun, waa'ee jaraa sirriitti beekna; beekumsi Itoophiyaan namaa kennitu keessaa tokko Profeeserummaa dha. Kun immoo namni waa'ee mana fincaanii barreesses; kan gumii HIV keessatti galmaa'es; kan dhaabbata tokko keessatti bishaan waraabuun beekamus, ... maqaa kana argataatuma jira. Beekumsi Raayyaan qabu osoo kan ummata hardha isa arrabsuuf qalaw qalaw jechaa ooluuf hirameetii, silaa nama dhibbaa oliif proofeesarummaa kennisiisaaf ture. Garuu maal godhagaa, dubbiitu karaa maqeehoo.
Keessattii gaafa wayyaaneen ummata keenya shiraan naannoo sumaalee irraa buqqiftu waan inni ummata keenyaa waliin tahe ni dagatamaa???! Namni sammuu qabu hin dagatu; yoo harree tahe malee. Gaafa sanas warri hardha akkana isatti quba qabu kun wayyaanee jala fiigee ummata keenya hiraarsaa bahe; hardhas ajandaa kajeeltummaa qabachuudhaan akkas maraata kunoo.
“Namni of hin Beekne, namas hin baru”
Comments